Kanaaf, amma kan sabni keenya dhabee jiru tokkukmmaa miti. Tokkummaan, yeroo mara numa harka jira. Sabni keenya kan dhabee jiru bilisummaadha; sabni keenya garbummaa jala jira. Garbummaa keessaa bahuuf immoo hojiin hojjannu marti kan bu’aa buusu, kan gara kaayyoo keenya guddaatti nu geessu ta’uu qaba. Hojiin keenya marti, kan ummata keenya humneessuu fi guyyaa biliusmmaa dhiyeessu ta’uu qaba. Sabni keenya kan dhabee jiruu fi argachuu qabus, Bilisummaa dhabuudha!!

Comments

  1. Kan milkii nuuf haa ta'u
    Soommanni barana
    Ji'a guddaa kana
    Baga geessan jarana

    Danuutu godaanee
    Geesseenii hireensaa
    Kan gu'e baay'eedha
    Coolagee fireensaa

    Hedduutu imalee
    Lafa deebii hin qabne
    Lammaffaa deebi'uuf
    Kan hiree hin qabne

    Meeqatti cilaatta'e
    Waraqaaf cabbiini
    Nu nagaa nu godhee
    Nu filate Rabbiini

    Nun godaansifne rabbiin
    Nun goone rirmaaf galaa
    Nurrattis hin feenee
    Dhagaa, jirmaaf balaa

    Kaan fayyaa qabeenii
    Gadi ba'uu dhorgee
    Manatti haanbisee
    Ala argaa golgee

    Nuniin nu badhaaftee
    Nutti hin finne hamaa
    Arjaan akka keetii
    eessumaa argamaa

    Asiin nu ga'atee
    Xaxaa nurraa ciree
    Umrii nu dheeresse
    Nuuf miidhaksee hiree

    Baatii kanaan nu geesse
    Akka godhannu galaa
    Rabbii mootii maraa
    Galanni dechaadhaan suma qofaaf malaa

    Ramadaanni.....

    Jia Qur'aanni keessa buufame
    Kan jaalalaaf Rahmataa
    Baatii Ibaadaatii
    Kan zikriif salaataa

    Kan sheeyxaanni hidhamee
    Hafuurri kutamu
    Kan hamaaf hammeenyi
    Daandiirraa butamu

    Ibiddi cufamee
    Banama jennanni
    Arjooma Rabbii guddaa
    Jiini Ramadanaa,dhuguma kennanni

    Umaaf uumamatti kan dabe
    Gaafatee dhiifama
    Jia khayiriin daldamee
    Qalbiin gogaan jiifama

    Jia guddaaf kabajamaadha
    Kan Rahmataaf nageenyaa
    Kan nurraa buufamu
    Keessa badiin keenya

    Kan diliin waggaa maraa
    Kan nurraa harcaasamu
    Rahmanni keessa guutee
    Hammeenyi mancaasamu
    Kan xinnaa fi guddaadhaan
    Khayiriin facaasamu

    Qalbiin qulqullooftee
    Kan keessi haaromu
    Uumamni waliif tolee
    Makhluuqni gaaromu

    Kan dabee daboomes
    As keessa qajeela
    Dhiiraaf dubartiidhaan
    Rahmata kajeela

    Hunduu masjiidatti deebi'ee
    Khayirii dechaan kuufataa
    Badii waggaa tokkoo
    Mataa irraa buufataa

    Qabaataan dhabaaf yaadee
    Qalbii walii jiisaa
    Rabbiis uumama isaatiif
    Badii hedduu dhiisaa

    Baankii namni amane
    Keessatti ol kuufatu
    Khayirii xinnoo carraaqee
    Dechaadhaan buufatu

    Baatii itti daldalamnaan
    Danatu bu'aansaa
    Ji'a gabrichaaf barakaati
    Kan mirgisu gu'aansaa

    Jia kana keessatti
    Nuuf tolchi alaa manaa
    Ulaa hamtuu cufii
    Kan khayirii nuuf taasisi banaa

    Nu goskitee nun dhaabin
    Akka muka silkii
    Nu taasisi Rabbi koo
    Warra argatu milkii

    Nun taasisin Uumaa koo
    Warra Ibiddaan gubatu
    Teessuma keeny godhi
    Kan jennata qubatu

    Nu miidhagsi Rabbi
    Kan toleef bakkisaa
    Nuuf hin laatin hiree
    Rakkataaf rakkisaa

    Khayirii keenya qeebalii
    Kadhaa nuuf dhag'i
    Isa bara dhufuutiinis
    Nagaadhaan nu ga'i

    ✍️.....@

    ReplyDelete

Post a Comment

Popular posts from this blog

JAALALA QUR’AANAA RABBIIN NUUF HAA KENNUU !! ••••••••

LOOKOO