JAALALA QUR’AANAA RABBIIN NUUF HAA KENNUU !! ••••••••
JAALALA QUR’AANAA RABBIIN NUUF HAA KENNUU !! •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Yeroo Qur’aana Rabbi qara’ataani fi haffazataan kan asiin gadii niyyadha:- 1. Jaalala Rabbiitii fi Rasuulaa (SAW) argachuu niyyadha 2. Aayata takka baratuun Gaalaa fii qabeenya biraa kan isatti qixxaayu argachuu caala 3. Mataa mataa Harfii (qubee) Qur’aanaatiin sawaaba (keyrii) 10 argachuu niyyadha 4. Qur’aanni guyyaa Qiyaamaa akka ragaa nuuf bahu niyyadha 5. Rabbiin sababa isaatiin sadarkaa keenya akka olfuudhu niyyadha 6. Qur’aanni haada Rabbii qajeelluma namaatiif samii irraa gara dacheetitti gad dheereffame waan taheef jallinnaa fi badiinsa irraa sababa isaatiin Rabbiin najaa (nagaha) nubaasuu niyyadha 7. Qur’aanni ifaa dacheeti, 8. Namni qur’aana baratee barsiise caalaa namaa waan taheef, isaan irraa tahuu niyyadha 9. Malaa’ikaa qulqulluu tahan woliin tahuu niyyadha 10. Namni qur’aana qara’u umrii jaletti (manguddoomee xiqqeennatti ) deebi’uu dhabuu niyyadha 11. Taaja (faaya) tas...
Kan milkii nuuf haa ta'u
ReplyDeleteSoommanni barana
Ji'a guddaa kana
Baga geessan jarana
Danuutu godaanee
Geesseenii hireensaa
Kan gu'e baay'eedha
Coolagee fireensaa
Hedduutu imalee
Lafa deebii hin qabne
Lammaffaa deebi'uuf
Kan hiree hin qabne
Meeqatti cilaatta'e
Waraqaaf cabbiini
Nu nagaa nu godhee
Nu filate Rabbiini
Nun godaansifne rabbiin
Nun goone rirmaaf galaa
Nurrattis hin feenee
Dhagaa, jirmaaf balaa
Kaan fayyaa qabeenii
Gadi ba'uu dhorgee
Manatti haanbisee
Ala argaa golgee
Nuniin nu badhaaftee
Nutti hin finne hamaa
Arjaan akka keetii
eessumaa argamaa
Asiin nu ga'atee
Xaxaa nurraa ciree
Umrii nu dheeresse
Nuuf miidhaksee hiree
Baatii kanaan nu geesse
Akka godhannu galaa
Rabbii mootii maraa
Galanni dechaadhaan suma qofaaf malaa
Ramadaanni.....
Jia Qur'aanni keessa buufame
Kan jaalalaaf Rahmataa
Baatii Ibaadaatii
Kan zikriif salaataa
Kan sheeyxaanni hidhamee
Hafuurri kutamu
Kan hamaaf hammeenyi
Daandiirraa butamu
Ibiddi cufamee
Banama jennanni
Arjooma Rabbii guddaa
Jiini Ramadanaa,dhuguma kennanni
Umaaf uumamatti kan dabe
Gaafatee dhiifama
Jia khayiriin daldamee
Qalbiin gogaan jiifama
Jia guddaaf kabajamaadha
Kan Rahmataaf nageenyaa
Kan nurraa buufamu
Keessa badiin keenya
Kan diliin waggaa maraa
Kan nurraa harcaasamu
Rahmanni keessa guutee
Hammeenyi mancaasamu
Kan xinnaa fi guddaadhaan
Khayiriin facaasamu
Qalbiin qulqullooftee
Kan keessi haaromu
Uumamni waliif tolee
Makhluuqni gaaromu
Kan dabee daboomes
As keessa qajeela
Dhiiraaf dubartiidhaan
Rahmata kajeela
Hunduu masjiidatti deebi'ee
Khayirii dechaan kuufataa
Badii waggaa tokkoo
Mataa irraa buufataa
Qabaataan dhabaaf yaadee
Qalbii walii jiisaa
Rabbiis uumama isaatiif
Badii hedduu dhiisaa
Baankii namni amane
Keessatti ol kuufatu
Khayirii xinnoo carraaqee
Dechaadhaan buufatu
Baatii itti daldalamnaan
Danatu bu'aansaa
Ji'a gabrichaaf barakaati
Kan mirgisu gu'aansaa
Jia kana keessatti
Nuuf tolchi alaa manaa
Ulaa hamtuu cufii
Kan khayirii nuuf taasisi banaa
Nu goskitee nun dhaabin
Akka muka silkii
Nu taasisi Rabbi koo
Warra argatu milkii
Nun taasisin Uumaa koo
Warra Ibiddaan gubatu
Teessuma keeny godhi
Kan jennata qubatu
Nu miidhagsi Rabbi
Kan toleef bakkisaa
Nuuf hin laatin hiree
Rakkataaf rakkisaa
Khayirii keenya qeebalii
Kadhaa nuuf dhag'i
Isa bara dhufuutiinis
Nagaadhaan nu ga'i
✍️.....@