JAALALA QUR’AANAA RABBIIN NUUF HAA KENNUU !! ••••••••
JAALALA QUR’AANAA RABBIIN NUUF HAA
KENNUU !!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Yeroo Qur’aana Rabbi qara’ataani fi haffazataan kan
asiin gadii niyyadha:-
1. Jaalala Rabbiitii fi Rasuulaa (SAW) argachuu
niyyadha
2. Aayata takka baratuun Gaalaa fii qabeenya biraa
kan isatti qixxaayu argachuu caala
3. Mataa mataa Harfii (qubee) Qur’aanaatiin
sawaaba (keyrii) 10 argachuu niyyadha
4. Qur’aanni guyyaa Qiyaamaa akka ragaa nuuf bahu
niyyadha
5. Rabbiin sababa isaatiin sadarkaa keenya akka
olfuudhu niyyadha
6. Qur’aanni haada Rabbii qajeelluma namaatiif
samii
irraa gara dacheetitti gad dheereffame waan taheef
jallinnaa fi badiinsa irraa sababa isaatiin Rabbiin
najaa
(nagaha) nubaasuu niyyadha
7. Qur’aanni ifaa dacheeti,
8. Namni qur’aana baratee barsiise caalaa namaa
waan taheef, isaan irraa tahuu niyyadha
9. Malaa’ikaa qulqulluu tahan woliin tahuu niyyadha
10. Namni qur’aana qara’u umrii jaletti
(manguddoomee xiqqeennatti ) deebi’uu dhabuu
niyyadha
11. Taaja (faaya) tasgabbiitii fi kabajaa Rabbiin na
uffisuu. Rabbiin narraa jaalatuu niyyadha
12. Haadhaa fi Abbaa kiyya Rabbiin taaja (faaya)
Jannataa nuura irraa tahe uffisuu niyyyadha
13. Worri Qur’aanaa; namoota Rabbii kan kophaa
(keessoo) isaa waan tahaniif isaan irraa tahuu
niyyadha
14. Sababa Qur’aana qara’uu kiyyaatiin ibidda irraa
akka najaa nubaasu niyyadha
Waan barreeffama keeyrii kana dubbiftaniif galanni
keessan Jannata haa tahu.
Rabbiin ija keeyrii hojjattu hunda isii ibidda
jahaannam jalaa haa baasu.
Amiin yaa Rabbii
Maashaa Allah
ReplyDelete