Haccaluu hundessaa
Haaceen koo...
Waggaa lamaan har'aa akkas jedhee geerare...
~
Jirra kaa jirra jirra
Utuu hin cabiin hokkollus
Kunoo har'a geenyeerra
Seenaa afaan saaqneerra..
Kara deemtuun ni wacci
Waa'ee gootaa haasofna
Waa'ee Gabayyoo haasofna
Gabayyoo Gurmuu haasofna
Waa'ee Balaay haasofna
Balaay Zallaqaa haasofna
Waa'ee Garasuu haasofna
Garasuu Dhukii haasofna
Waa'ee Abdiisaa haasofna
Abdiisaa Aagaa haaaofna...
~
Ijoolleen Hacee jirtuu?
"Jirra" jedhaa......!
~
Riqicha ragaan waamaa
Riqicha finfiinnee guddaa isa Finfinnee jiru
Namni yoo seenaa dabses
Lafti seenaa hin jijjiiru...
Eenyu akka isarra ce'ee
Oromia hunkure
Eenyu paastaan gowwoomee
Akka saba gurgure..
Eenyutu isarra ce'ee
Akka finfiinnee dhaqe
Eenyu akka baandaa ta'ee
Dhiiga dhiiraa gad naqe...
Har'an falmee sirreessa
Seenaa karaarraa maqee...
~
Hacaaluu gaafa wayyaanee
Hacaaluu gaafa barkumee...
Hacee gaafa barkumee
Hacaaluu qoricha Oromia !
~
Baddaa loomiin hurrumaa
Gaangeen hin dhaltuu dhalte jedhanii
Kan jiruuf barri darbee
Kan du'etti aduun dhiite jedhanii...
Seenaa ofii himannu malee
Ormi nuu hin himu ni du'a malee
Maaloo...maaloo...maaloo!
~
Biyya dhiigaan suphine
Biyya lafeen ijaarre
Kanaaf cichinee lolla
Akka diinni nu hin nyaarre...
Hacaaluu ilma hundeessaa
Ilma Walee Oromo
Eenyuttan ba'e bada
Sittan ba'ee anisoo...
Dhiira roorroo hin sarmine
Hacaaluu hundeessa kaasaa
Alagaa garaa gubeen
Lammii koo garaa raasa...
~
Ijoolleen Hacee jirtuu?
Hacee hundeessaa jirtuu?
~
Ka'een Hacee koo faarsaa
Goota biyyasaaf duule
Isa Salaalee ka'ee isa Finfinnee ka'ee
Reeffa wayyaanee tuule
Ka'een Hacee faarsa
Isa Maccarraa ka'e isa Shawaa ka'e
Diina biyya weerarte
Haleelee bakkaan ga'e
Gaafa wayyaaneen qabdes
Tooftaadhaan harkaa ba'e...
~
Baddaa loomiin hurrumaa
Gaangeen hin dhaltuu dhalte jedhanii
Kan jiruuf barri darbee
Kan du'etti aduun dhiite jedhanii...
Oromoo,
Seenaa ofii himannu malee
Ormi nuu hin himu ni du'a malee
Maaloo...maaloo...maaloo!
~
Haacee, dhugaan kee dhokattee hin haftu!
Comments
Post a Comment