Posts

Showing posts from December, 2021

Kanaaf, amma kan sabni keenya dhabee jiru tokkukmmaa miti. Tokkummaan, yeroo mara numa harka jira. Sabni keenya kan dhabee jiru bilisummaadha; sabni keenya garbummaa jala jira. Garbummaa keessaa bahuuf immoo hojiin hojjannu marti kan bu’aa buusu, kan gara kaayyoo keenya guddaatti nu geessu ta’uu qaba. Hojiin keenya marti, kan ummata keenya humneessuu fi guyyaa biliusmmaa dhiyeessu ta’uu qaba. Sabni keenya kan dhabee jiruu fi argachuu qabus, Bilisummaa dhabuudha!!